Wednesday, July 8, 2015

Barattoonni Oromoo 8, sababa Master pilaanii Finfinnee mormitan jedhamuun hidhamanii turan gadhiifaman

.
OMN:Oduu Adol.08,2015 Baratonni Oromoo Yunivarsitoota adda addaa keessa utuu barachaa jiranii bara darbe master Pilaanii Finfinnee Mormitaniitu jedhamuun hidhamanii turan tibbana bilisaan gad-dhiifamaniiru.
Baratoota bahan kanneen keessaa Addunyaa Keessoo, Toofik Rashiid ,Leenjisaa Alamaayyoo, Abdii Kamaal,Magarsaa Warquu fi Bilisummaa Daammanaa akka argaman beekameera.
Baratoota kanneen keessaa Barataa Abbabaa Urgeessaa, kan Yuniversitii Haromayaa keessatti boombii dhooste jedhamee yakkame qofti beellami kan biroo qabameefii mana hidhaa Qaallitti keessatti akka hafe beekamee jira.
Gabasaan Alamaayyoo Qannaa ti.
Source:https://www.oromiamedia.org/2015/07/barattoonni-oromoo-8-sababa-master-pilaanii-finfinnee-mormitan-jedhamuun-hidhamanii-turan-gadhiifaman/

No comments:

Post a Comment